Sinodosiin 'gaaffii barootaa deebise' hundaa'e, Manni Kiristaanaa Ortodoksii 'diigumsa' balaaleffatte

Abuna Maatiyas

Madda suuraa, Getty Images

Sinodosiin Bataskaana Orotodoksii haaran 'gaaffii barootaa dheeraf turan deebisa' jedhame hundaa'e. Kana hordofee ammoo Manni Kirsitaanaa Orotodoksii Itoophiyaa gocha seeran alaati jechuun mormitee waamicha hatattamaa taasifte.

Sinodosiin haaran naannoo Oromiyaafi Kibba biyyattii hammate kun gaaffiilee afaanifi aadaa ofiitin wangeela babal'isuuf danqaa ta'aa turan, akkasumas rakkoo bulchiinsaa caasaa bataskanittii keessa jira jedhan furuuf hundeeffame jechuun Angafa Lubootaa Sinodosii haaraa dubbatan.

Gama kaanin ammoo Bataskanni Orotdoksii Itoophiyaa taaten kun haleellaa waldattii irratti xiyyeeffateedha jechuun mormitee jirti.

Paatirankin waldattii Qulqulluuu Abuna Maatiyaas ibsa karaa EOTC Broadcasting Service Agencytin kennaniin, Liqa Phaaphaasonni waldattiii biyya keessafi ala jiran hatattamaan gara Finfinnee akka dhufan waamicha taasisan.

"Har'a ganama [Amajjii 22] waldaa keenya irratti kan xiyyeeffatee taatee guddaatu ta'e. Waanti ta'e kuni waanta Qulqulluu Sinodosiin hin beeknefi itti hin yaannedha.

"Waanti mudate muudama phaphaasiwwanii kan jedhuudha. Kanaaf, liqa phaaphaasiwwan Waldaa Tawaahidoo Itoophiyaa biyya keessafi ala jirtan akka irratti mariyannuuf hatattamaan gara Finfinnee akka dhuftan," jechuun waamicha dabarsan.

Gama biraan ammoo, Angafa Lubootaa Sinodosii haaraa hundaa'ee kan ta'an Abuna Sawiros ibsa hudeeffama sinodosichaa ilaalchisee miidiyaa OBS'n tamsaafame irratti gaaffileen hundeeffama sinodosichaaf sababa ta'an yeroo garaa garaatti akka fala argataniif dhiyaataa turanis deebii argachuu dhabuu irraa kan ka'e hordoftoonni amatichaa miliyeenan lakkaa'aman bittinnaa'aniiru jedhan.

"Bataskaanni Tawaahidoo Ortodoksii Itoophiyaa naannolee keessatti itti fufuuf danqaan mudachuu waan hubanneef, warra badan barbaaduuf, warra jiran ammoo jajjabeessuf murtee seena qabeessa kana murteessineerra" jedhan.

Waldaan Ortodoksii Itoophiyaa gama isheetin muudamni phaaphaasota haaraa kun sinodosii waldattiitin kan hin mirkanoofnefi seeran ala ta'uu ibsuun mootummaan nageenya eegsisuun itti gaafatummaa isaa akka bahu, akkasumas amantoonni waldattii hanga xumuraatti obsaafi kadhannaadhaan dhimmicha akka hordofan waamicha dhiyeessan.

Ibsa sinodosiin haaraa kenne

Madda suuraa, OBS

Sinodosiin haraa hundaa'e maalidha?

Dilbata gaafa Amajjii 22, 2023 ganama irraa kaasee naannoo Oromiyaatti phaaphaasonni haaran muudamaniiru kan jedhu odeeffannoon miidiyaa hawaasaa gubbaatti baay'ee deemaa ture.

Boodarra garuu gama lamaaniin ibsa kennameen dubbichi dhugaa ta'uun barame.

Angafa Lubootaa Sinodosii haaraa kan jedhaman Abuna Sawiros kutaalee lallabaa 26 keessatti phaaphaasiiwwan haaraa muudamuu beeksisan.

Kutaaleen lallabaa phaaphaasota haaraa argatan kun Oromiyaa, naannoo Uummatoota Kibbaa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa ni argamu.

Sinodosiin haaraa hundaa'e jedhame kun gaaffiin sabni afaan isaatin wangeela akka dhagahuufi tajaajila argatuuf waggoota 60 oliif gaafatamaa turuufi deebii gahaa argachuu dhabuu irra kan ka'e akka hundaa'uf dirqame ibse.

Caasafi bulciinsi Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa sabaafi sablammoota kan hin hammaneefi harka caalu namoota naannoo tokko irraa dhufaniin kan dhuunfatame ta'uunis ibsa hundeeffame sinodosii haaraa kanaa keessatti eeramera.

Kanaan dura "abbootii amantii naannoolee keessaa guddisuu caalaa naannoo tokko qofarraa fuudhanii Oromiyaa, giddu galeessa, Kibbaafi biyya alaatti ergaa turan. Kuni ammoo afaanfi aadaa sabotaa beekuu dhabuu isaanii irraa kan ka'e waldattii keessatti kufaatif sababa ta'eera. Uummanni akka ormaatti aka ilaalu godheera," jedhan Abuna Sawiros.

Ibsa kenname kanaan keessumaa naannoo Oromiyaafi bakkeewwan birootti tajaajiltoonni waldattii harki 85 ol bakka birootii kan dhufan ta'uu isaanii irraa kan ka'e waggoota darban keessatti hordooftoonni amantichaa miliyeenan lakka'aman waldattii gadi dhiisanii bahuuf sababa ijoo ta'uu qorannoon mirkanaa'uti ibsame.

Kanaan duras akkaataa bulchiinsafi caasaa Bataskaana Itoophiyaa irratti gaaffii ka'uun Manni Lubummaa Oromiyaa hundaa'uf sochii taasisaa turuun isaa ni yaadatama.